AI FAYYADAMUUN PRESNTATION BILISAAN QOPHEESSUU (TOME.APP)

Seensa

Presentation qophessuuf yaaddanii dadhabsiisaa fi kan yeroo fudhatu siniti ta'ee beekaa? Kana furuuf AI humna qabessa yeroo qusatuu fi dadhabbii hanbisu presentation bareedaa fi hawwwataa siniif qopheessuu danda'uun wal sin haa barsiisu. Galata tome.app hawiin keessan peresentation bareedaa qopheessuu amma dhugoomsuu dandeesu. Qajeelcha armaan gadii kessatti akkamittiin AI fayyadamnee Presentation bareedaa bilisaan mallaqa tokko malee qopheessuu akka dandeenyu waliin kan laallu ta'a. Gara imala aja'ibaa kanaatti haa fufunu.


1. Gara tome.app Seenuu

Jalqabuuf Web Browser dhaquun tome.app Jechuun search godhaa ykn as tuqaa. Platform aja'ibaa kun humna presenattion AI qophessuu platform qabudha.


2. "Try Tome" kan jedhurratti cuqaasaa

Akkuma gara barruu duree tome.app seentanii batanii ykn cuqaasa Try Tome jedhu argattu, isarratti cuqaasaa. Kun gara platformi kanan seenuun presentation akka jalqabnuuf seensisa ijooti.


3. Akkawuntii Googleen itti fufuu

Amma filannoo akkawuntii google keessaniin itti fufuu ni argattu. Continue with google kan jedhu irratti cuqaasuun adeemsa Sign-up eegalchisna.



4. Akkawuntii google keessan Filadhaa

Akkawuntii google itiin seenuu barbaddan filannoo akkawuntii siniif tarressamu keessaa filadhaa

5. Unka Enyummessaa ykn Profile Uummachuu

akkuma akkawuntii google keessan filattaniin foddaan unkaa enyumeessaa (Create your profile) kan jedhu siniif dhufa. As irratti maqaa guutu keessaniif gahee hojii keessanii filachuun Enter tuqaa. Odeeffannoon kun muuxannoo keessan dhuunfessuuf kan gargaarufi gareen hojjechuuf iddoo mataa keenayaati jechuudha.


6. Presenattion Haaraa Uumuu

Erga Profile keenya uummanneen  boodde, amma Presenatation haaraa uumuuf ni dandeenya jechuudha. Projektii presenation hojjechuuf barbaaddan eegaluuf gubbaa gara harka mirgaa irratti cuqaasa "Create" jedhu irratti tuqaa.



7. Mata duree presenation keessaniif kennaa

Presenation keesaniif mata duree hawwataa  kennuun itti fufuuf "Create Presentation About" kan jedhu tuqaa



8. Ibsa xiqqoo waa'ee Presenation keesanii kennafii

Sanduqa barreeffamaa keessatti waa'ee mata duree presenation keessanii ykn qabiyyee presenation keessanii Ibsa xiqqoo kennafii. Kun akka Presntation keessan murtawaa fi yaada keessan hammataa ta'u taasisa

9. Bayyina fuula Slide Sirreessuu

Bayyina fuula presntation keesanii Murtessuuf lakkoofsa fuulaa sanduqa barreffamaa gubbaatti mullatu tuqaa (6 pages) itti aansuun gara duubaa fi gara fuulduraatti gottotuun page barbaaddnirra kaa'aa



10. Unkaa Jalqabaa ykn Qabiyyee presenation

Enter tuquun hamma tome.app qabiyyee preesntationi keenyaa bayyina page nuti kennenififi mata duree kenyarratti hundaa'uun Generate godhutti tiqqoo eegaa. qabiyyeen presentation keessanii yoo sin gammachiise Continue kan jedhu tuqa. Qabiyyee biraa akka siniif uumu yoo barbaaddan Icon "Regenerate" tuquun hamma itti quuftanitti qabiyee garagaraa generate godhaa.


11. Presenation Keessan Sirressuu

Amma Presentation keessan barreeffamaa fi suuraan deggaramee qophaa'eera. Erga AI hojii ajaa'ibsiisaa kan siniif hojjetee caalaatti immoo sirreessuun qabiyyeen presenation yaada keeessanii fi fedhii keessanii akka wal simutti customize gochuu dandeessu.


12. Meeshaalee Ykn Toolota Gulaaluuf (Edit) gochuuf gargaan

Qarqara harka mirgaa irraan asi gaditti Tuuliwwan Edut gochuuf nu fayyadan tarreeffamanii jiru. Iddoo kanaa barreefaama, kessan jijjiiruu, sirreessuu Suraa bakka buusuu fi sagalee irratti waraabuu ykn seenesuuu dandessuu akkasumas Theme fi haalluu isaa jijjiiruu dandeessu.



13. Loogoo itti gochuu fi Bauusuu

Premium subscription yoo ni qabdu ta'e presentation keessan PDF baasuu dandeessu. Premum subscription malee immoo share gochuu ni dandeessu.



Guduunfaa

Baga gammaddan! Humna arteficial Intellegence fayyadamuun presentation bareedaa tome.pp qophessitaniittu. Qabiyyee AI maddisise kanaan dadhabbii tokko malee presentation qophessuu fi presenation utun dagatamiin hafu qopheessuun danda'ameera.

Comments